Waa'ee Keenya

Nuti Eenyu?

Diinagdeen Itoophiyaa afaan tokkoon mari'atama, afaanota hedduun immoo keessa jiraatama. Ensight garaagarummaa kana dhiphisuuf dhufe: ragaalee qabatamaa madda qaban, ibsa ifa ta'e, fi Afaan Oromoo sadarkaa olaanaa faayinaansii Afaan Ingiliffaa cinaatti.

Ensight asxaa Mo Creatives, ejensii tarsiimoo, asxaa fi quunnamtii Finfinneeti. Barruuleen eegalee gara dhaabbata miidiyaa fi barnootaatti kan guddate yoo ta'u, hojiiwwan walqabatan torba raawwata: diinagdee guyyuu gabaasa, barruulee ji'aa maxxansa, viidiyoo YouTube-iif qopheessa, leenjii fi waltajjiin barsiisa, gabaa qorata, oomishaalee faayinaansii gara Afaan Oromootti lokaalayiz godha, akkasumas asxaa fi duulawwan beeksisaa ijaara.

Ogeessonni duuba jiran baankota Itoophiyaa keessatti ooditii, seera-eegumsaa fi quunnamtii irratti, akkasumas maxxansaalee Afaan Oromoo keessatti waggoota hedduuf hojjetaniiru. Sadarkaan keenya kanumaan ijaarame: ragaan madda hin qabne ragaa miti; jechi hiika qabatamaa hin qabnes bu'uura hin qabu.

Tajaajiloota · Barruulee · Viidiyoo

Wanta Irratti Cichinu

5
  1. 01

    Ragaan lakkoofsaa hundi maddaa fi yeroo qaba

    Ragaan mootummaan yookaan dhaabbanni ofii hime, kan qaama bilisaan hin qoratamne, ifatti mallatteeffama. Maddoonni yoo wal simuu baatan, lamaanuu dhiyaatanii gaaffiin irratti ka'a.

  2. 02

    Afaanota lamaan, ulaagaa tokkicha

    Afaan Ingiliffaa fi Afaan Oromoon of eeggannoo walqixa argatu. “fi” addaan, “-dha” maxxanee, maqaan galmaa'e akkuma jirutti, dhaabbileen mootummaa immoo ni hiikamu.

  3. 03

    Beeksisni ifatti adda ba'ee mallatteeffama

    Qabiyyeen tumsaa gulaallii irraa adda ba'a. Gulaalaan beeksisa dursanii hin argan; abbaan beeksisaas gabaasicha dursanii hin argan.

  4. 04

    Afaan Ifa Ta'e

    Jechi dubbisaa hin gahu taanaan hanqinni kan keenya. Maxxansa hunda keessattis jechoonni faayinaansii soddoma (30) afaan lamaaniin hiikamu.

  5. 05

    Finfinnee irraa hundoofnee, naannolee irraa gabaasna

    Gabaastota Jimmaa, Adaamaa, Baatuu, Harar fi Naqamtee keessa jiraatan qabna malee magaalaa guddittii qofa miti.

Garee Hojii

Garee murteessaa, qaqqabiinsa bal'aa.

Gabaastota fi gulaaltota Finfinnee, Jimmaa, Adaamaa fi Naqamtee keessatti, garee qorannoo fi afaanii waliin. Suuraalee fi maqaan akkuma gareen ifoometti asitti dhiyaatu.

Moti Abelti Tufa

Moti Abelti Tufa

Hundeessaa fi gulaalaa olaanaa

Hundeessaa Mo Creatives. Cooperative Bank of Oromia keessatti waggaa saddeet to'annoo, seera-eegumsaa fi quunnamtii daldalaa; oomishaa diraamaa Gulantaa; barreessaa kitaabota Afaan Oromoo lamaa; hoogganaa waliinii galmee jechoota faayinaansii dijitaalaa AKOFADA Shega waliin.

editor@ensight.et

To be announced

Gulaalaa, Afaan Oromoo

Iddoon kun banaadha. Yaada gabaabaa fi barreeffama fakkeenyaa jechoota 500 ergaa: jobs@ensight.et

To be announced

Gaazexeessaa, baankii fi gabaa

Iddoon kun banaadha. Yaada gabaabaa fi barreeffama fakkeenyaa jechoota 500 ergaa: jobs@ensight.et

To be announced

Gaazexeessaa, naannolee (Jimmaa)

Iddoon kun banaadha. Yaada gabaabaa fi barreeffama fakkeenyaa jechoota 500 ergaa: jobs@ensight.et

To be announced

Hoogganaa qorannoo fi daataa

Iddoon kun banaadha. Yaada gabaabaa fi barreeffama fakkeenyaa jechoota 500 ergaa: jobs@ensight.et

To be announced

Oomishaa, viidiyoo

Iddoon kun banaadha. Yaada gabaabaa fi barreeffama fakkeenyaa jechoota 500 ergaa: jobs@ensight.et

To be announced

Hoogganaa michummaa

Iddoon kun banaadha. Yaada gabaabaa fi barreeffama fakkeenyaa jechoota 500 ergaa: jobs@ensight.et

Ulaagaalee fi Sirreeffamoota

Akkamitti akka hojjennuu fi akkamitti akka nu sirreessitan.

MaddootaRagaan lakkoofsaa hundi maddaa fi yeroo isaa ni ibsa. Ragaan mootummaan ykn dhaabbanni waa'ee ofii hime, kan qaamni biraa hin mirkaneessine, ifatti mallatteeffama.
Afaanota LamaanAfaan Ingiliffaa fi Afaan Oromoon gabaasa walqixa, of eeggannoo walqixa fi sirreeffama walqixa argatu.
BeeksisaKan mallatteeffame, gulaallii irraa adda kan ta'e, maxxansa dura gulaalaan kan hin argamne; abbaan beeksisaas gabaasicha dursanii hin argan.
SirreeffamootaBakkuma dogoggorri itti dhiyaatetti sirreessina, waan jijjiirames ifatti ibsina. Sirreeffamni callisee hin badu.
Walitti Bu'iinsa FaayidaaGaheen fi maamiltoonni hundeessaa biroo fuula Waa'ee Keenya irratti tarreeffamaniiru. Ensight maamiltoota isaa irratti ifatti osoo hin ibsin hin gabaasu.

Fedhiilee fi Ibsawwan

As irratti ifatti eerama malee gaaffiin miti

Ensight maqaa daldalaa Mo Creatives

Mo Creatives ejensii tarsiimoo, maqaa fi quunnamtii Finfinnee keessa jiruudha; dhaabbilee Ensight gabaasu keessaas tajaajila gurgura. Oduun tokko maamila Mo Creatives yoo tuqe, oduun sun ni hima.

Hundeessaan baankii keessa hojjete

Cooperative Bank of Oromia keessatti waggaa saddeet to'annoo, seera-eegumsaa fi quunnamtii daldalaa. Sirni keenya achi irraa dhufe; innis dhaabbata duraan itti hojjetamee amma gabaafamuudha.

Galmee jechoota AKOFADA

Hundeessaan galmee jechoota faayinaansii dijitaalaa AKOFADA Shega waliin hooggana. Jechoonni isaa galmee Ensight keessatti maddi eeramee fayyadamu.

Hojii deeskii alaa

Oomishaa diraamaa Gulantaa fi barreessaa kitaabota Afaan Oromoo lamaa. Lachuu dhaabbanni kun hin ajajne, irrattis hin gabaasu.

Sirreeffamoota

Dogoggora Gabaasaa

Maaltu akka dogoggoree fi eessatti akka ta'e nutti himaa. Gabaasa hundaaf deebii ni kennina; kan sirrii ta'an maxxansa keessatti ni galateeffanna.

Maal Gaafattu?Sirreeffamni ykn deebiin mirga keessan Labsii Miidiyaa Lak. 1238/2021, Keewwata 50 jalatti kennameedha: kaffaltii malee, bakka gabaasichi dhiyaatetti maxxanfama. Guyyaa maxxanfamerraa kaasee ji'oota sadii keessatti gaafadhaa.

Iccitii

Marsariitiin kun kuukii tokko qofa kaa'a, innis afaan filattaniidha; filannoo bifaa keessanis biraawzara keessan keessatti qofa qabama. Lamaanuu eenyummaa keessan hin beeksisan. Iskiriptiin qaama sadaffaa, neetwoorkiin beeksisaa fi tajaajilli xiinxalaa hin jiran. Marsariitichi lakkoofsa dimshaashaa guyyaa qofa qabata — beeksisni yeroo meeqa akka mul'atee fi cuqaafame, gabaasni yeroo meeqa akka dubbifame, fi fuulli akkamitti akka baname — eenyu akka dubbise garuu ragaan tokkollee hin jiru. Ragaan dubbistootaa gonkumaa hin gurguramu, hin qoodamus. Ibsa Iccitii Guutuu.

Gaaffiilee: editor@ensight.et.

Odeeffannoo Miidiyaa

Galmee Abbaa Taayitaa Miidiyaa ItoophiyaaGalmeen adeemsa irra jira.
Maqaa MiidiyaaEnsight
Abbaa QabeenyaaMo Creatives
Iimeeliieditor@ensight.et
Marsariitiiensightafrica.com
Gulaalaa OlaanaaMoti Abelti Tufa
Kan MaxxanfameFinfinnee irraa maxxanfama.
Herreegawwan KeenyaYoutube
Guyyootaa fi YerooGuyyoonni akka lakkoofsa Gorgooriyaaniitiin kan dhiyaatan yoo ta'u, lakkoofsi Itoophiyaa (A.L.I.) gabaasa hunda cinaatti ni dhiyaata; yeroonis yeroo Baha Afrikaati (UTC+3).